Kutaa magaalaa Yakkaatti jiraattoota harka qalleeyyiif kennaan ayyaana Qillee laatame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Yakkaatti jiraattoota harka qalleeyyii kuma 4 fi 520f keenna ayyaana Qillee laatameera.
Kennaan jiraattoota kanneeniif taasifamees tilmaama Birrii miiliyoona 8 qaba jedhameera.
Sirna kennaa kanarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee hooggantoonni hojii mootumma biroon argamaniiru.
Hoji raawwachiisaan kutaa magaalaa Yakkaa obbo Asfaw Taklee ayyaana Qillee sababeeffachuun jiraattoota galiin isaanii gadii aanaa ta’an waliin ayyanicha kabajuuf karoorfameen tumsaa tola ooltootaan kan raawwatame ta’u himaniiru.
Ayyaanicha sababeeffachuunis hojjettootta mootummaan miindaa isaanii gadii aanaa ta’eef keenna ayyaana itti oolanii fi maallaqaa taasifamu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment