Finfinnee, Mudde 14, 2017 (FMC) – Kutaa Magaalaa Sulultaatti hoggantoonni Aanaa Wasarbii maqaa Misoomaan Birrii miiliyoona 3 ol ummatarraa walitti qabuun faayidaa dhuunfaaf oolchan adabbii cimaa fi maallaqa adabaman.
Naannoo Oromiyaatti Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Dhaddachi yakkaa ramaddii 1ffaa oolmaa isaa har’aan hoggantoota kanneen adabeera.
Bulchituu Aanaa Wasarbii kan turte Aadde Sifalatee Kabbadaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Maallaqaa kan ture Obbo Ashabbir Oljiraa, Itti Gaafatamaa Mana Qopheessaa kan ture Obbo Guutaa Ejeree fi Itti Gaafatamaa Waajjira Galiiwwanii kan ture Obbo Gammachuu Maammoorratti himanni dhiyaachuun kan yaadatamuudha.
Hoggantoonni kunneen maqaa misoomaan Birrii Miiliyoona 3 fi kuma 80 kutaalee hawaasaa fi abbootii qabeenyaa aanichaarraa walitti qabuun akkaawuntii maqaa isaaniin bananitti erga galchanii booda maallaqicha baasuun faayidaa dhuunfaaf oolchuun himatamaniiru.
Haaluma kanaan Obbo Ashabbir Oljiraa fi Obbo Guutaa Ajereen to’annoo jala ooluun himanni isaan qaqqabus yakkicha hin raawwanne jechuun waakkataniiru.
Abbaan Alangaa Ragaa sanadaa fi namaa dhiyeesseera.
Manni murtichi ragaa abbaa alangaa qorachuun himatamtoonni ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan yaada murtoo kennus ragaa ittisaa dhiyeeffachuu dhabuu isaaniin murtoo balleessummaa itti murteesseera.
Miliquun yakkan barbaadamaa kan turte Aadde Sifalatee Kabbadaan to’annoo jala ooluun dhaddachaaf dhiyaatteerti.
Sababa isheen hin dhiyaanneef himanni isheerratti yeroof akka citee ture itti fufuun qopha’aatti foo’amee akka ilaallamu gaaffii abbaan alangaa dhiyeesse bu’uura taasiisuun beellamni qabameera.
Manni murtichaa Obbo Ashabbir Oljiraa fi Obbo Guutaa Ajereen tokkoon tokkoo isaanii adabbii cimaa waggaa 5 fi baatii 6 fi Birrii kuma 5 akka adabaman murteesseera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia