Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti lafti heektaara 155 jallisiin misoomuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Siilki Laaftoo aanaa Tulluu Ejersaatti lafa heektaara 154 irratti hojiin misooma jallisii bonee eegale.

Jallisii Bonaatti fayyadamuun qotee bulaan hirkattummaa roobaa jalaa ba’uun of fayyaduurra darbee oomisha jiraattota magaalichaaf oolu oomishuun fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhina Magaalaa Finfinnee fi Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaatti Itti Waamamaan Mootummaa obbo Mallas Alamuu ibsaniiru.

Bara baajata kanaatti lafa heektaara 155 sadarkaa aanaatti argamu jallisii bonaan oomishuun fayyadamummaa qonnaan bultoota 550 mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Kutaa Magaalichaa aadde Natsaanat Dhaabaa himuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment