Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti lafa keessaa kan awwaalamee maallaqoonni, Shugguxii fi Warqeen to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC)- Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti lafa keessaa kan awwaalamee maallaqoonni callaan, Shugguxii fi warqeen eeruu uummataa fi sakattoo poolisiin taasiseen to’annaa jala oolu Poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.

Ergamtoonni garee shororkeessitoota ABUT fi Shanee nageenyaa magaalichaa booreessuf sochiin taasisaan saaxiluuf poolisiin magaalaa Finfinnee qaamolee nageenyaa biroo fi hawaasa waliin ta’uun hojii bu’a qabeessaa ta’ee hojjechaa jiru.

Bu’uuruma labsii yeroo arifachiisaatiin manneen nama dhuunfa gareewwan kanneen ni deeggaru jedhamanitti sakattoo taasifameen faanjii adda addaa fi meeshaaleen waraanaa biroon iddoowwan garagaraatti gatamanii fi lafa keessatti dhokfamanii akka argaman ibsameera.

Kutaa maagaala Lammiitti buufanni poolisii naannoo Marii Sadaasa 3, 2014 eeruu uummataarraa qaqqabeen aanaa 13tti mana jireenyaa namaa dhuunfaa keessaatti sakattoo taasifameen lafti qotamee shugguxiin 2, rasaasoota 15 waliin, Birriin Ityoophiyaa kumni 70, Saanjaa fi warqee fi faayaan Birrii argamuudha poolisiin kan ibsee.

Nageenya magaalichaa eeguuf hawaasni kaka’umsaa guutuun odeeffannoo fi eeruu qaamolee nageenyaaf akka laatuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeessera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment