Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti ijaarsi manneen 160 eegalchiifame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti, ijaarsi gamoowwan manneen jireenyaa 160 qabanii afur abbaa darbii afurii (G+4) eegalchiifamaniiru.

Manneen ijaaramaan kunneen baasiin isaanii abbootii qabeenyaan kan uwwifamuu ta’uun eerameera.

Baasii kanaas dhaabbilee ijaarsaa manneenirratti bobbaaanii Ayaat Riil Isteet, Alsaam Riil Isteet, Giifti Riil Isteeti fi MSW Hora Tireediingii ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa baasii ijaarsa maneenii kana uwwisaniif galateeffataniiru.

Akka Aadde Adaanech ibsaniitti, waliigalaan tola ooltummaa bonaan tajaajilli tola ooltummaa Birrii biiliyoona 3tti tilmaamamu ni hojjetamu.

Lammiilee hojiilee kanneenirratti hinhirmaanne akka hirmaatanii fi dirqama hawaasumma akka bahataan ibsuun hawaasniis lammiilee tola ooltummaarratti hirmaatan tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment