Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti zayitiin nyaataa seeraan ala kuufamee ture kaartooniin kumni 6 fi 600 to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti zayitiin nyaataa seeraan ala kuufamee ture kaartooniin kumni 6 fi 600 to’atamuu ibsame.

Bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa jireenyaa to’achuuf sakattoo tasa gaggeesseen Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 12 keessatti zayitiin nyaataa dhanga’oon liitirri kumni dhibbi 1 fi kumni 32 seeraan ala kuufamee ture kaartooniin kumni 6 fi 600 to’atamuu ibsameera.

Poolisiin dhimmicharratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu himameera.

Hawaasni magaalichaa qaamolee meeshaalee dhoksuun qaala’iinsi jireenyaa akka uumaamu taasiisa jiran saaxiluun tumsa isaanirraa eeggamu akka taasiisan bulchiinsi magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment