Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Ekkaa bakka Faransaay jedhamee beekamutti qorichi sammuu nama hadoochuu fi meeshaaleen garaagaraa hedduun to’atamuu ibsameera.
Sakattoo manneen 15 keessatti taasifameen qoricha sammuu namaa hadoochu saanduuqa guutuu dabalatee barruulee ergaa garee shororkeessaa ABUT dabarsan, Tiishartiiwwanii fi uffanni qaamolee nageenyaa fi meeshaaleen waraanaa to’atamuu hoogganaan buufata poolisii naannoo Faransaay Lagaasiiyoon Inspeektar Olaanaa Fiqaaduu Tsiggee eeraniiru.
Meeshaaleen kunneen eeruu haawaasni qaamolee nageenyaan ga’een to’atamuu ibsaniiru.
Tattaaffiin hawaasni shira diinaa ifoomsuun biyya baraaruuf taasisu bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoo qabatamaa hawaasni qaamolee nageenyaan ga’aa jiruuf galateeffachuu ragaan Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna