Kutaa Magaalaa Booleetti meeshaaleen waraanaa humnoota finxaaleyyiif dabarfamuuf ture to’atame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti meeshaaleen waraanaa humnoota finxaaleyyiif dabarfamuuf ture mana jireenyaa keessatti to’atameera.

Meeshaaleen waraanaa garaagaraa sanadoota waliin to’atamuu eerameera.

Namni dhuunfaan finxaaleyyii naannoo Amaaraaf meeshaalee dhiyeessuun shakkame kutaa magaalichaa aanaa 2 keessatti mana jireenyaa kireeffachuun meeshaalee kanneen finxaaleeyyiif dhiyeessuuf wayita sochiirra ture hordoffii qaamoleen nageenyaa taasiisaniin to’annoo jala ooluu ibsameera.

Meeshaaleen waraanaa garaagaraa kanneen akka rasaasaa, meeshaleen walqunnamtii waraanaa fageenya giddu galeessaa fi dheeraa, hidhannoowwan waraanaa adda addaa, uffataaleen loltootaa fi sanadoonni garaagaraa finxaaleeyyiif dabarfamuuf turan mana jireenyaa kana keessatti to’atamuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment