Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa Ibiddaa muudateen lubbuun daa’imman lamaa darbe

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa Ibiddaa muudateen lubbuun daa’imman lamaa darbuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksiise.

Kaleessa galgala naannoo sa’aatii 2:00 kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallattii aanaa 07 iddoo addaa Caffee Salaalee jedhamutti balaa Ibiddaa muudateen daa’immaan umrii waggaa 3 fi 4 ta’an kan maatii tokkoo lubbuun yoo darban, daa’ima umrii waggaa 7 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu komishinichi ibseera.

Haati daa’immaan kanneenii hojjettuu warshaa naannawaa sanatti argmuu ta’uu isheen daa’immaan kanneen manatti balbala itti cufuun Ifaan waan hin jirreef duungoo qabsiifteefii gara hojii deemuu isheen duungichi Ibidda qabsiissuun balaa kana qaqqabsiisuu himameera.

Humni Elektirikaa naannawaa kana waan hin turreef Duungoo fayyadamuun ishee miidhaa daa’immanirra qaqqabeef sababa ta’uu eerameera.

Hawaasni itti fayyadamaa Duungorratti of eeggannoo taasiisuu akka qabu komishinichi hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment