Kutaa magaalaa Addis Katamaatti zayitiin seeraan ala kuufame kaartooniin 2600 ol to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) –Bulchiinsa magaalaa Finfinnee  Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 1 bakka Sidaamoo Taraa jedhamutti sakattoo tasaa taasifameen zayitiin seeraan ala kuufame kaartooniin kuma 2 fi 600 ol to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Daldaltoonni eeyyama daldalaa seera qabeessaa dawoo godhachuun hojii seeraan alaa irratti bobba’an waan jiraniif hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun eeruu kennuurraa eegalee deeggarsa baratame akka taasisuuf poolisiin magaalichaa waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment