Kutaa Kaabaatti lammiileef deeggarsi namoomaa marsaa 2ffaan dhiyaachaa jira-Koomishinicha

Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC)- Kutaa Kaabaa biyyattiitti lammiilee walitti bu’iinsaan midhamaniif deeggarsi namoomaa marsaa 2ffaan dhiyaachaa jiraachuu Koomishiniin Hoggansa Soda Balaa Ityoophiyaa beeksise.

Koomishinarri Koomishinchaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaam ibsa kennaniin, dhiyeessii deeggarsa namoomaa marsaa jalqabaan naannolee Tigraay, Amaaraa fi Afaar waliin ga’uun akka danda’ame eerameera.

Marsaa jalqabaan nyaanni meetirik tooniin kumni 141 fi 671 naannolee sadeeniitti geejjibsiifamuun ibsameera.

Marsaa lammaaffaan hanga ammaatti deeggarsa namoomaan midhaan meetirik toonii kuma 25 Naannoo Amaaraaf, meetirik toonni kuma 2 Naannoo Afaar fi Naannoo Tigraayiif meetirik toonni kuma 1 ol dhiyaachuu eeraniiru.

Kunis deeggarsa marsaa lammaaffaan dhiyeessuuf karoorfame %20 ta’uu eeranii, deeggarsa hafe taasisuuf hojiileen gaggeeffaman cimanii itti fufuu himaniiru.

Deeggarsi kunneen kooriidaroota afuriin dhiyaachaa jiraachuu fi hojiin deebisanii dandamachiisuu koree ministirootaa hundeeffameen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment