Kutaa hawaasa hundaatti dhiyaannee dhaggeeffachuu qabna kan jenneef dhimmoonni wal nu marisiisan hedduun akka jiran waan beeknuufi-Aadde Adaanach

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) –Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee  kutaa hawaasa hundaatti dhiyaannee dhaggeeffachuu qabna kan jenneef dhimmoonni wal nu marisiisan hedduun akka jiran waan beeknuufi jedhaniiru.

Waltajjii hawaasa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa tureen hawaasarra gaaffiilee fi yaadonni hedduun ka’uus ibsaniiru.

Xumura sagantichaarratti haasaa kan taasisaan aadde Adaanach Abeebeen, yaadoota dhiyaatan hunda akka galteetti kan fudhaatan ta’uus mirkaneessaniiru.

Sadarkaa Finfinneettis kutaalee magaalatti 11tti, akkasumas aanaalee 121’tti waltajjiin hirmaattoota qaama hawaasaa garaagaraa waltajjichi gaggeeffameera.

Qaamoleen dhimmi ilaallatuu hundi gaaffiiwwan ka’aan duraa dubaan deebiisaa gara fulaa duraatti ni ceenaa jedhaniiru.

Itti aanaan preezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Farihaa gama isaaniin, hoggantoota qulqulleessuu, hoji maata dhaabbatichaa sakatta’uu, iftoominaa fi itti gaafatummaa buusuu, hattummaa ittisuu, gaaffilee adda adda ka’aan ni deebisnaa jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment