Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti bifa diijitaalan barnoota laachuuf karoorfamuu himame

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti karaa waraqaarraa bilisa ta’een diijitaalaan barnoota laachuuf karoorfamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Ministeerichi hojjettootaa fi hoggantoota mana hojichaa waliin karoora damee barnoota waggootan kurnan dhufaniirratti mari’achuu eegaleera.
 
Barnoonni haala kanaan laattamu barattoonni addunyaa diijitaalatti salphaatti akka makamaniif ni gargaara jedhame.
 
Dameen barnootaa teeknooloojii diijitaalaan deeggaramuu dhabuun, uwwisni barnootaa haqa qabeessummaa dhabuu, iftoominni fi itti gaafatamummaan dhabamuun qulqullina barnootarratti dhiibbaa uumuu ibsameera.
 
Barnoota teeknooloojii diijitaalaan deeggarrame laachuun lammii sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e horachuuf hojmaanni dandeessisu karooricha keessatti hammatamuu himameera.
 
Gara sirna diijitaalaatti galuuf barattootaaf taableetoota guutuuf filannoowwan garaagaraa barbaaddamaa jiraachuu eerrameera.
 
Karoorri damee barnootaa waggaa 10 kun sirna barnootaa biyyattiirrattii jijjiirrama olaanaa ni fida jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment