Kurmaana kana eeyyamni Invastimantii haaraan 108 kenname – Komishinicha

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC) – Kurmaana 1ffaa bara baajataa 2017 keessaa eeyyamni Invastimantii haaraan 108 Abbootii qabeenyaaf kennamuu Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa beeksise.

Eeyyamni 65 abbootii qabeenyaa alaaf, 24 abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa waloon hojjetan, akkasumas 24 ammoo abbootii qabeenyaa biyya keessaaf kennamuu komishinichi himeera.

Oomishaaleen Doolaara miiliyoona 131.4 ol baasaan gabaaf alaaf dhiyaachuus ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment