Kurmaana jalqabatti gurgurtaan humna elektirkii Birrii biiliyoona 5 olii gaggeeffamuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC)-Kurmaana jalqabaa bara 2015’tti gurgurtaa anniisaa elektirikii biyya keessaa fi alaatti gaggeeffameen gurgurtaan Birrii biiliyoona 5.151 gaggeeffamuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa Beeksise.

Humna Elektirikii Ityoophiyaatti Hoji Gaggeessaan Bulchiinsaa Gurgurtaa Fi Maamiltootaa Obbo Minilik Geetaahuun akka ibsanitti, Tajaajila Humna Elektirikiif gurgurtaa Birrii biiliyoona 4.158 gaggeessuuf karoorfame keessaa gurgurtaan Birrii biiliyoona 3.771 gaggeeffameera.

Raawwiin kunis %90 ta’uu ibsan.

Indaastiriiwwaan fayyadamtoota humnaa olaanoof humna elektirikii Birrii miiliyoona 262.8 dhiyeessuuf karoorfamee gurgurtaan Birrii miiliyoona 241.9 gaggeeffamuun, %91 karoorichaa raawwatamuu ibsaniiru.

Daandii baaburaa Ityoo-Jibuutiif humna elektirikii Birri miiliyoona 98.4 dhiyeessuuf karoorfame keessaa dachaan ol raawwatamuu ibsaniiru.

Dabalataan, gurgurtaan ‘opal faayiberii’ Ityoo-Telekomiif Birrii miiliyoona 22.2, Safaariikoom Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 1.5 akkasumas ‘Webispiriiksi IT Solution’f gurgurtaan Birrii kuma 667 fi 635 raawwatamuu ibsuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment