Kunuunsi yeroo Ulfaa Haadholiif taasifamuu qabu maalii ?

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) –Kunuunsi yeroo ulfaa daa’imaaniif gadameessa haadhaa keessaa kaasee kan taasifamuudha.

Daa’ima fayya qabeessa argachuufis ta’e fayyaa haadhaaf kunuunsi yeroo ulfaa godhamu baay’ee murteessadha.

Haati tokko akkuma ulfa ta’uu shakkiteen mana yaalaa deemuun ilaalamuu qabdi.

Yoo ulfa ta’uun beekame hordooffii ulfaa eegaluu fi qorannoo barbaachisaadha jedhe ogeessi fayyaa ajaje gaggeessuu qabdi
Waantoota Haati Ulfi taasisuu qabdu muraasaa,

-Vaayitaminii garaagaraa fi albuudota akka ayiranii kan yeroo ulfaa baayyee barbaachisanii fi kennaman sirnan fudhachuu.
-Nyaata madaalawaa sooraachuu, keessattuu muduraa fi kuduraan baay’ee filatamoodha.

– Nyaata yeroo nyaatan xixxiqeesaanii, guyyaatti yeroo 5 fi isaa ol soraachuun ni gorfama.

– Foon dheedhii, hanqaaquu fi kanneen biiroo bilcheessuun soorachuun barbaachsaadha.

– Bishaan gahaa dhuguu;
– Hirriba gahaa rafuu, haadhooliin yeroo ulfaa guyyaatti sa’aatii 7-9 akka rafan gorfama.

– Sochii qaamaa gochuu: dubartoonni ulfaa haalli isaan dangeessu yoo hin jiraatin, sosochii xixxiqqaa kan akka deemsaa miilaa, Bishaan daakuu guyyatti hanga daqiiqaa 30 taasisuu ni danada’uu.

– Dhiphina hir’isuu fi hariiroo gaarii abbaa manaa yookiin maatii waliin qabaachuu.

Yoo mallattoolleen:-

• Akka dhukkubbii mataa cimaa –

• ijji namatti dimimmise ykn ilaaluu dadhabde,

• Dhukkubbii laphee ykn garaa,

• dhiigni ykn dhangala’an qaama saalan yoo bahee,

• hoo’i qaamaa yoo dabale,

• Olguursisuu fi hoqqisiisu hamaa ta’e,

• Sochiin daa’imaa yoo hir’ate ykn dhabame,

• Hammi fincaanii yoo hir’ate ykn yoo fincaa’an kan nama gubuu
ofirratti argite daftee mana yaalaa deemuu qabdi.

Akkasumas qorichi kamiyyuu yoo fudhatamu gorsa ogeessa fayyaatiin qofa ta’uu qaba.

Dubartiin ulfaa tokko Yaaddoo ykn gaaffii qabdu yeroo kamittuu ogeessa fayyaa gaafachuun deebii argachuu mirga qabdi.

Madda -Fuula waa’ee Fayyaa

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment