Kubbaaniyyaan saatilaayitii Oriyoon misoomaa saatilaayitii fi dhimmoota walqabatanirratti Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedha qabaachuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Innooveeshinii Fi Teeknooloojii Dooktar Ballaaxaa Mollaa garee jilaa Preezdaantii fi Abbaa Qabeenyaa Kubbaaniyyaa Saatilaayitii Ameerikaa Oriyoon Iist Aleeksaandar Alviin waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii itti fayyadama odeeffannoo saatilaayitii fi misooma teeknooloojii hawaa irratti kan xiyyeeffateedha jedhame.
Aleeksaandar, dhaabbanni isaanii teeknooloojii hawaa, misoomaa saatilaayitii fi dhimmoota walqabatan irratti mootummaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedha qabaachuu dubbataniiru.
Kubbaaniyyaan isaanii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii hawaa, misooma humna namaa fi invastimantiirratti xiyyeeffatee kan hojjetu, mootummaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Dooktar Ballaxaa Mollaa gama isaaniin, Ityoophiyaan, kubbaaniyyoota idil addunyaa waliin hojjechuun saatilaayitii lama gara hawaatti erguu yaadachiisanii, ga’umsa indaastirii hawaa dabaluun fayyadamummaa biyyaalessaa fi Ardii mirkaneessuuf gahee ishee bahachuuf fedha akka qabdu himaniiru.
Marii isaaniin Ityoophiyaan sadarkaa Gaanfa Afriikaatti Giddugala Odeeffannoo Saayitilaayitii ijaaruu ka’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment