Korri Qorannoo Seenaa Oromoo Harargee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC)- Korri mirkaneessa bu’aa qorannoo seenaa Oromoo Harargee Magaalaa Hararitti Gaggeeffamaa jira.

Seenaan hawaasa Baha Oromiyaa Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo fi Hayyuu Aadaa fi Seenaa Mohaammad Qopheen qoratamaa kan turee fi seenaa Ona Afran Qal’oo, Ituu fi Humbanna baroota hedduuf dabe ture sirreessee dhalootatti kan agarsiisu ta’uu ibsameera.

Koricharratti, Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Hooggaanaa Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo Dabalatee, Hayyoonni Aadaa fi Seenaa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Odaa Bultum akkasumas, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee argamaniiruu.

Obbo Abdulhaakiim Muluu waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan Naannoo Oromiyaa Seenaa Oromoo dabe qajeelchuuf qorannoowwan 62 gaggeessaa jira.

Kanneen keessaas 10 wayita ammaa xumuramuun sadarkaa maxxansaarraa ga’uu dubbataniiru.

Hanqina Qorannoo Oromoorratti mul’atu furuufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon hojjaachaa jiraachuu eeraniiru.

Seenaan Oromoo sirnoota darbeen dabee ture, qabsoo ummanni taasisaa tureen qajeelfamaa dhufuu yaadachiisaniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa inistitiyuutichi Seenaa Oromoo dabe sirreessee dhalootaaf ol kaa’uuf xiyyeeffannoon hojjata jiraachuu himaniiru.

Baroota dheeraaf dabus seenaan hawaasa Baha Oromiyaa Ona Afran Qalloo, Ituu fi Humbannaa waraabamee dhalootaaf akka darbuuf Qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhiyeenyattis kitaabni Seenaa Afran Qalloo maxxanfamuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment