Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 ol taasise

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 ol taasisuu ibsame.

Korporeeshinichi meeshaalee akaakuu Birrii miiliyoona 10 olitti tilmaamamu adda waraanaatti argamuun deeggarsa taasiseera.

Deeggarsi korporeeshinichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinichaa obbo Saandiikaan Dabbabaa ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT gochoota gara jabinaa dhala namaatiin hin raawwatamne raawwachuu ibsaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuun Ityoophiyaan akka injifattuu taasisuuf hundi ga’ee isaa ba’achuu qaba jedhaniiru.

koloneel Muusxafaa Yusuuf deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Raayyaan Ittisaa Deeggarsa uummataa qabu yoomiyyuu injifataa ta’uu ibsaniiru.

Garee shororkessaa ABUT awwaallee nageenyaa fi guddina Ityoophiyaa ni mirkaneessina jechuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment