Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii dhaabbilee biyya keessaa shan waliin waliigaltee mallatteesse

Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii dhaabbilee biyya keessaa shan waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa dhaabbilee biyya keessaa shan waliin waliigaltee mallatteesseera.

Korporeeshinichi dhaabbilee Zoonii Addaa Diinagdee Jimmaa keessatti sheediiwwan oomishaa fudhachuun bu’aalee mukaa oomishan akkasumas buna qindeessuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessan waliin waliigalticha mallatteesse.

Dhaabbileen kunneen kaappitaala Birrii biiliyoona 1.7 kan galmeessan ta’uufi guutummaan guutuutti gara hojiitti wayita galan namoota 1200 oliif carraa hojii ni uumuun eegama jedhame.

Tattaaffii dhaabbileen kunneen qabeenya uumamaa Jimmaafi naannawaa ishee qindeessuun sona dabalataa uumuuf taasisan korporeeshinichi kan deeggaru ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Dooktar Fissahaa Yittaagasuun ibsaniiru.

Abeeneezer Taayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment