Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa Proojektii teeknooloojii ammayyaa itti beeksise proojektii Manneen Jireenyaa Garjii eebbisiisuuf ta’uu beeksiseera.
Proojektichi teeknooloojii ijaarsaa ammayyaa “Aluminiyeem Form Wark Teeknooloojii” jedhamu hojiirra kan oolche yoo ta’u, ogeeyyiin Ityoophiyaa teeknooloojicha madaqsuun ijaarsa isaa saffisaan kan xumuran ta’uu ibsameera.
Teeknooloojichi qulqullinaa fi saffisa ijaarsaa kan ariifachiisu ta’uu fi korporeeshinichi teeknooloojii kan hojiirra oolchuun baatiwwan 18 keessatti gamoowwan abbaa darbii kudhanii 16 ijaarsisuu eerameera.
Manneen jireenyaa kunneen kaameeraa nageenyaa ammayyaa kan qaban, konkolaattota 800 ol dhaabbsisuu kan danda’an, galma, bakkeewwan ispoortii, Kaaffee fi Reestuuraantii, bakka daa’imman itti taphatan fi bakka daakkii bishaanii kan qaban ta’uu ibsameera.
Bifuma walfakkaatuun korporeeshinichi gamoowwan tajaajila daldalaa fi mana jireenyaaf oolan abba darbii kudhanii 2 saayitii Qabbannaatti ijaarsisee xumursiisuu beeksiseera.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.