Korporeeshinichi Paarkii Indaastirii Samaraa gara hojiitti galchuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwanii Paarkii Indaastirii Samaraa gara hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibse.

Hoggantoonni olaanoon korporeeshinichaa guyyaa har’aa paarkicha daawwachuu ibsameera.

Rakkoon nageenyaa waggoottan lamaan darbanitti biyyattiitti mudatee ture waan furameef paarkiiwwan indaastiriitti invastimantii harkisuuf hojjetamaa jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinichaa obbo Akililuu Taaddasaan ibsaniiru.

Xiyyeeffannoo korporeeshinichi  bara baajataa kanatti kennee hojjechaa jiru keessaa tokko Paarkii Indaastirii Samaraa gara hojiitti galchuu ta’uu eeraniiru.

Kaayyoon daawwannichaa sadarkaa paarkichi irra jiru gamaaggamuun hanqinaalee jiran yeroo gabaabaa keessatti sirreessuun karaa guutuu ta’een gara hojiitti akka galu taasisuuf ta’uu addeessaniiru.

Hojii gaggeessaan paarkichaa obbo Ahimad Hasan gamasaaniin, Paarkichi lafa heektaara 50 kan hundeeffameefi sheediiwwan oomishaa 8 kan qabu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment