Korporeeshinichi Magaalaa Adaamaatti ijaarsa Manneen Barnootaa eegalchiise

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC) – Korporeeshiniin Indaastirii Paarkiwwanii Magaalaa Adaamaatti Manneen Barnootaa idileen duraa, sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’e.

Manneen barnootaa kunneen Birrii miiliyoona 100 ijaaramu jedhame.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinichaa Obbo Akliluu Taaddasaa fi Kantibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldeen ijaarsa mannee barnootaa kanneenii eegalchiisaniiru.

Ijaarsi manneen barnootaa kanneenii waggaa tokko keessatti xumuramuun hojii kan eegalan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment