Korporeeshinichi hidhannoo waraanaa ga’aa ta’e oomishuuf hojjechuu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Hidhannoo ga’aa hidhachuun biyya akka eeguuf Korporeeshiniin Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa oomisha ga’aa oomishuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Korporeeshinichi raawwii hojii bara 2015 fi karoora bara 2016 irratti mari’ateera.

Dhaabbatichi hojiilee riifoormii hojiitti hiikuuf dhimmoota gufuu ta’an qooda fudhattoota waliin hiikaa gara oomishaatti akka ce’u taasiifamuu marichaan ka’eera.

Raayyaan Ittisaa Hidhannoo barbaachisaa ta’e hidhachuun biyya akka tiksuuf oomisha ga’aa oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaa Korporeeshiniin Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa Geetaachoo Hayilamaariyaam ibsuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment