Manni Maree Federeeshinii yaada Murtoo hiikkaa heerarratti dhiyaate raggaasise

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen yaada murtoo hiikkaa heerarratti dhiyaate raggaasise.

Koreen dhaabbii hiikaa heeraa fi dhimmoota eenyumaa hanga weerarri vaayrasii koroonaa yaaddoo ta’ee jirutti Manneen Maree Federaalaa fi naannoolee hojii isaanii akka itti fufan yaada murtee dhiyeessuun isaa kan yaadatamuudha.

1. Hanga weerarri vaayrasii koroonaa yaaddoo ta’ee jirutti Manneen Maree Federaalaa fi naannoolee hojii isaanii akka itti fufan,
2. Qaamni dhimmi ilaallatu miidhaa weerarich qaqqabsiisuu gamaaggamuun hir’uusuu yookaa miidhaa qaqqabisuu dhaabuu isaa erga mirkaneessee filannoon Baatii 9 – waggaa 1 tti gaggeeffamuu akka danda’u korichi yaada murtee dhiyeessera.

Manni Maree Federeeshinii Murtoo korichaa dhaggeeffachuun yaadicharrati marii erga gaggeessaa booda sagaalee mormii 4 fi sagalee deeggarsaa 114n yaadicha raggasiseera.

Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment