Korichi raawwii hojii walakkaa waggaa manneen hojii 6 gamaaggame

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Koreen Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misooma Caffee Oromiyaa raawwii hojii walakkaa waggaa manneen hojii 6 gamaaggameera.
Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii, Abbaa Taayitaa Geejibaa, Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa, Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Misoomaa fi Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa gamaaggamuun ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun kallattii xiyyeeffannaa hojii itti aanuu kaa’eera.
Raawwii hojii Biiroo Misooma Qabeenya Bishaani ifi Inarjii Oromiyaa ilaalchisee, hanqinoota waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii magaalaa fi baadiyyaa irratti mul’achaa jiru furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa kan jiruachuu ibsameera.
Proojeektoota bishaan dhugaatii ijaarsa irra jiran keessaa kanneen rakkoon diizaayinii qaban jiraachuu, qulqullina proojektootaa irratti bara kana xiyyeeffannaa adda kennuun karoorfamus hojiin hojjetame laafaa ta’uu fi calbaasii qotiinsa bolla bara darbe ture bara kanatti cee’an ammas xiyyeeffannaa kan hin kennamneef ta’uu akka hanqinaatti qorateera.
Raawwii hojii Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa ilaalchisee, proojektoota sababa adda addaatiin osoo hin xumuuramiin waggoota dheeraaf turanii fi komii kaasaa jiran keessattuu riqaaleen adda addaa akka xumuuramuuf sochiin jiru gaarii ta’uu ibsaeera.
Bara kana karaa adda ta’een proojeektota buleeyyiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus ibsameera.
Walumaagalatti, gabaasa raawwii hojii manneen hojii hafaniis bifuma walfakkaatuun qoratee kan jiru yommuu ta’u, gamaaggama manneen hojii hundaa taasifame keessatti dhimmoonni akka ciminaatti ilaalaman hojii itti aanuuf galtee ta’anii, kanneen hanqina jedhaman immoo xiyyeeffannaa olaanaa argachuun irratti hojjetamuu akka qabu Dura Taa’aan Korichaa obbo Ahimad Mahaammad ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment