Korichi haala qabatamaa diinagdee biyya keessaa fi idil addunyaa gamaaggame

Korichi haala qabatamaa diinagdee biyya keessaa fi idil addunyaa gamaaggame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) –Koreen Imaammata Maallaqaa Baankii Biyyaalessaa haala qabatamaa diinagdee biyya keessaa fi idil addunyaa gamaaggameera.

Haaluma kanaan daballii gatii, Fiisikaalaa, Diinagdee alaa. Dhiyeessii maallaqaa, sosochii damee faayinaansii, akkasumas dhimmoota idil addunyaa Diinagdee Gooroo biyya keessaarratti dhiibbaa olaanaa qaban gamaaggameera.

Haala yeroo dhiyoo fi fuulduraa tilmaama keessa galchuun imaammata fooyyessa maallaqaa hojiirra ooluu qaban irratti korichi yaada murtoo dhiyeesseera.

Walga’ii darbee as qaala’iinsi gatii hir’achaa dhufuun dhuma baatii Guraandhala % 15.0 gahuu himeera.

Qaala’iinsi gatii oomishaalee nyaataa dhuma baatii Guraandhalaa % 14.6 irra qaqqabuu fi kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 3 gadi bu’aa ta’uu gamaaggameera.

Qaala’iinsi gatii Meeshaalee nyaataan alaas % 15.6tti gadi bu’uus baatiwwan muraasa darban keessa dabalaa adeemuu agarsiiftuun jiraachuu himeera.

Baatii Guraandhalaa keessa % 0.5 guddina kan agarsise yoo ta’u, baatiiwwan afur walitti aananiif guddina xiqqaa galmaa’e akka ta’e gamaaggameera.

Sosochii guddina diinagdee ilaalchisee bara kana oomishni olaanaan akka argamu agarsiiftuuwwan jiraachuu kaaseera.

Dameewwan Indaastirii, Daldala Alaa Shaqaxaalee,Bunaa fi Warqee, Daldala Alaa tajaajilaan keessattu Geejiiba qilleensaa fi Turiizimiin guddinni olaanaan jiraachuu akka malu tilmaameera.

Haala maallaqaa ilaalchisee hanga Baatii Amajjiitti dhiyeessiin jijjiirraa maallaqaa % 22.8 gahuu, maallaqni bu’uuraa ‘% 42.0 guddina agarsiisuu himeera.

Liqaan biyya keessaa % 19.8’n dabaleera.

Dhalli gabaa baankoota gidduutti raawwatamu hanga Baatii Guraandhalaatti % 16.7, hammi bittaa fi gurgurtaa maallaqaa baankoota gidduutti taasiifamu haala saffisaa ta’een dabaluu fi dhuma baatii Guraandhalaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 38.8 gahuu ibseera.

Korichi gamaaggamaan booda murtoo dabarseera.

Ammas imaammata Maallaqaa fayyadamuun murteessaa ta’uu korichi himeera.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qaala’iinsa gatii karaa guutuu ta’een hir’isuuf murannoon hojjechaa jiraachuu himeera.

Qaala’iinsa gatii hir’isuuf tattaaffiin hanga ammaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu eereera.

Korichi haala qabatamaa jiru tilmaama keessa galchuun yaada murtoo armaan gadii boordiif akka dhiyaatu murteesseera.

1. Ammas Qaala’iinsa gatii ol ka’ee mul’atu hir’isuuf bittaa fi gurgurtaan sharafa alaa to’achuuf jecha baankiin biyyaalessaa tilmaamni imaammataa ammas % 15 ta’ee akka turu,

2. Guddinni liqaa Baankootaa % 18 irra jiruun akka itti fufu,

3. Hammi Liqaa tajaajila dhaabbii baankii biyyaalessaan kennamuu fi dhaalli kaffalamu haaluma jiruun akka itti fufu, akkasumas kuufamni itti eeggannoo maallaqaa baankoonni dirqamaan Baankii Biyyaalessaa kaa’aan haaluma tureen akka itti fufu murteesseera.

#Oromia #Ityoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment