Korichi ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechaa nagayaan akka kabajamaniif jiraattonni magaalattii tumsa akka taasisan gaafate

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Koreen Mana Maree Nageenyaa Finfinnee ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechaa nagayaan akka kabajamaniif jiraattonni magaalattii tumsa akka taasisan gaafate.

Preezdaantiin mana marichaa Proofeesar Xaasaw Waldahaannaan manni marichaa ega hundaa’een booda miseensota koree hoji raawwachiistuu 21 qabuun hojii hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Waltajjiiwwan marii ummataa mijeessuuf hojjetamaa jiras jedhan proofeesarichi.

Gumiiwwan nageenyaa manneen barnootaa fi hubannaa ummataa cimsuun barbaachisaa ta’a jedhan.

Itti aantuun preezdaantii mana marichaa Artiist Maqdas Tsaggaayeen dhimmoonni kallattii hojii 6 adda baafamanii itti deemamaa jiraachuu ibsiteetti.

Qabeenya walitti qabuuf socho’amaa jiraachuus ibsiteetti.

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi yammuu kabajaman nagayaan akka xumuraman, jiraattonni magaalattii fi hirmaataan tumsa gochuu akka qabanis waamichi dhiyaatera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment