Koreen Taaski Foorsii tajaajila lammummaa Oromiyaa qabeenya Biiliyoona 1.2 walitti qabuun tajaajilaaf oolche

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti hojii tajaajila lammummaa ittisa COVID-19 irratti hojjetameen deeggersi qarshii fi meeshaa Birrii biiliiyoona 1.2 taasifamuu koreen taaksi foorsii beeksise.
 
Korichi sosochii hanga ammaa fi karoora fuula duraarratti miidiyaaf ibsa laatera.
 
Hojiin hubannoo uumuu qaamolee garaagaraa miiliyoona 39 ta’aniif laatamuu fi Birrii biiliyoonni 1.2 maallaqaa fi meeshaan walitti qabamuu walitti qabaan Korichaa fi hogganaan Biiiroo Qonnaa fi qabeenya uummamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabaleen ibsaniiru.
 
koreen kun naannoo hanga gandaatti qindaa’uun namoota harka qalleeyyii deeggersa barbaadan kuma dhibba 4 fi kuma 46 adda baasuun deeggarsa akka argatan taasisuu obbo Dhaabaan himaniiru.
 
Obbo Dhaabaan kutaa hawaasaa deeggarsa kana taasisan galateeffachuun, deeggarsichi ammas cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
 
Korich ammas karoora haaraa sosochii uummataa qopheeffachuun hojii isaa cimsee itti fufa jedhan.
 
Dhibeerraa of eegaa hojiin misoomaa xiyyeeffannoon itti fufuu akka qabus ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment