Koreen Taaks foorsii Naannoon Oromiyaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 56 ol walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Koreen Taaks foorsii Naannoon Oromiyaa vaayrasii koroonaa dursnii ittisuuf kan oolu Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 56 ol walitti qabuu beeksise.

Koreen Taaks foorsii Naannoon Oromiyaa guyyaa har’aa marsaa 3ffaaf deeggarsa meeshaalee walitti qabe.

Deeggarsicha abbootiin qabeenyaa naannichaa maallaqaa fi meeshaa kan arjoomaniiru.

Bu’uuruma kanaan korichi guyyaa har’aa maallaqnii fi meeshaan waliigalaan deeggarsa Birrii miiliyoona 11.5 walitti qabuu ibseera.

Haaluma walfakkatuun Biiroon Daldalaa Oromiya Bakkeewwan gabaa walitti dhiheenyaan xuxxuqqiin akka hin mudanneef lafa babal’aatti sirni bittaa fi gurgurtaa tahuuf hojiirra akka ooluuf hojjachaan jira jedheera.

Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.

Comments (0)
Add Comment