Koreen Raawwii Naannawwaa Daldala Bilisaa Afrikaa Biyyaalessaa hojii eegale

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC)-Koreen raawwii Naannawwaa Daldala Bilisaa Afrikaa biyyaalessaa guyyaa har’aa hojii eegaluun ibsame.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannaawa Dooktar Kaasahuun Goofee koricha hojii jalqabsiisaniiru.

Koreen raawwii kun wajjira ministeericharraa kan bakka bu’aan Ministir Deetaawwan, Itti Aanaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi hoggantoota dhaabbilee garaagaraa kan hammate ta’uun ibsameera.

Saganticharratti yaalii karoora raawwii Naannawwaa Daldala Bilisaa Afirkaa fi sadarkaa wixinee tarsiimoo akka gamagamu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment