Finfinnee, Fulbaana 19, 2014 (FBC) – Koreen Ministirootaa Qindeessa giddugala yeroo ariifachiisaa gabaasa raawwii hojii torbee Naannoo Amaaraa fi Afaar dhiyaate gamaaggameera.
Naannolee kanneenitti iddoolee xiyyeeffannoo addaa barbaaddanitti deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
Tajaajila fayyaa, tajaajila dhiyeessii bishaanii fi quqlullinaa, midhaan badhaadhaa Daa’imman, Dubartootaa fi Maanguddootaaf dhiyeessuun yeroo gara yerootti fooyya’aa jiraachuu ibsameera.
Yeroo itti aanus raabsi haqa qabeessi akka jiraatuu, dhimma koorniyaa fi kutaalee hawaasaa rakkoo hammataaf saaxilamaniif hordoffiin taasiifamuu caalmaatti cimuu akka qabu kallattiin kaa’amuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Gareen ogeeyyii yaala fayyaa socho’aan 50 ta’an naannolee kanneenitti hojii eegaluu ibsameera.
Dhaabbileen garee shororkeessaa ABUT’iin barbadaa’an yeroo murtaa’eef tajaajila hatattamaa akka kennaniif hojiin eegalameera.
Hojii lammiilee iddoo turtii yeroo jiran deeggaruun cinatti warreen manaa manatti rakkoof saaxilaman bira ga’uuf hojjetamaa jiru cimee itti fufuu isaa ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.