Koreen qaala’iinsa gatii ayyaanaan walqabatee uumamu to’atu hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Koreen qaala’iinsa gatii ayyaanaan walqabatee uumamu to’atu hundaa’uu ibsame.

Ayyaanota dhufan irratti bittaa gurgurtaafi raabsaa meeshaalee saffisiisuuf koreen waloo Biiroo Daldalaa Oromiyaafi Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerraa hundaa’uu ibsame.

Kaayyoon korechaa fedhii meeshaalee bu’uuraa, oomishaalee warshaalee, kuduraaleefi muduraalee akkasumas beelladaa ayyaanotaan walqabatan haala gahaa ta’een dhiyeessuufi qaala’iinsa gatii hin malle to’achuufi tarkaanfii fudhachuuf ta’uu eerameera.

Mootummaan kanaan dura oomishaalee garaagaraa gama waldaalee hojii gamtaan, gabaa Sanbataafi Dilbataan akkasumas  filannoowwan bittaafi gurgurtaa addaa addaan gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessaa turuu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Hasan Mahaammad Yaadachiisaniiru.

Ayyaanota dhufaa jiranitti oomishaaleefi meeshaalee deeggarsa barnootaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tibba ayyaanaa qaala’iinsa gatii hin malle hordofuufi to’achuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment