Koreen ministirootaa hojiin deebisanii ijaaruu cimee itti fufuu ibsan

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Naannolee waraanaan midhaman hojiin deebisanii ijaaruu cimee itti fufuu Koreen Ministirootaa beeksise.

Korichi walga’ii har’a gaggeesseen hanga ammaatti hojiilee hojjetaman kan gamaaaggame yoo ta’u, naannolee sadeenitti deeggarsi namoomaa lammiilee miiliyoona 6.9 nyaataa fi meeshaleen dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.

Ministirri Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam akka jedhanitti, dameewwan sadiirratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsanii, naannolee Tigraay, Afaarii fi Amaaraatti deeggarsa namoomaa, tajaajiloota bu’uuraa waliingahuu fi dhaabbileen hawaasummaa hojii eegalchiisuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan tajaajiloota akka bilbilaa, elektirikii, baankii fi geejjibaa qilleensa jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment