Koreen Imaammata Maallaqaa Walga’ii jalqabaa gaggeesse

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Koreen Imaammata Maallaqaa Walga’ii jalqabaa gaggeessuu Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Korichi haala diinagdee gooroo biyyattitti dhiyeenya mudate irratti mari’achuu kan beeksise Baankiin Biyyaalessaa dhimmoota akka qaala’iinsa gatii, sochi diinagdee fi guddinaa, dhiyeessii maallaqaa, tasgabbii damee faayinaansii, haala fiiskaalaa, damee diinagdee alaa, haalaa qabatamaa idil addunyaarratti mari’ateera.

Dhimmoota kanneen irratti kan mari’atee Koreen Imaammata Maallaqaa kun gamaaggamaa gaggeessuu fi murtoo dabarsuus ibseera.

Korichi dhiyeenyaa as haalli qaala’iinsa gatii jajjabeessaa fi tasgabbaa’uu argisiisus, imaammata maallaqaa cimaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachuu beeksiseera.

Keessumaa qaala’iinsa gatii gara dijitii qeenxeetti gadi siqsuuf galma qabame bira ga’aa jiraachuu yaadachiiseera.

Dabalataan ilaalcha korichaan imammata maallaqaa cimaa hordofuun barbaachisaa ta’uu kan akeekan ibsamoonni gooroo lama akka jiran beeksiseera.

Isaanis baatiiwwan itti aanaa haalaa fiiskaala laaffisuuf fedhii jiru (raawwii baajata idilee hordofuu fi miindaa, jireenya hawaasummaa fi seeftiineetif baasii baafamu guddisuuf karoora jiru) akkasumaas, guddina yaa’iinsa sharafa alaan walqabatee guddina maallaqaa murtaa’ee dhufuu malu ta’uu akeekeera.

Haalota kanneenirraa ka’uun korichi, baatiiwwan muraasaa as tasgaabaa’uu qaala’iinsa gatii ( Baatii Sadaasaa 2017 hir’ina %0.8 zeeroo gadi), sirna baankii keessatti kan baratameen ala qabeenyaa maallaqa callaa (liquidity) fi haala liqii akkasumaas, gama dabaluu oomisha waligalaa biyya keessaan yoo ilaalaame hir’achuun daddabarsa maallaqaa olaanaan jiraachuu hubachiiseera.

Korichi haalota kanneen tilmaama keessa galchuun, fooyyaa’iinsi murta’aan jiraatanillee amma imaammata maallaqaa cimaa itti fufsisuun akka barbaachisu hubachiiseera.

Kanarraa ka’uun yaad deebii imaammataa maallaqaa itti aanaan boordiif akka dhiyaatan murteessuu beeksiseera.

Bu’uuruma kanaan:-
Qaala’iinsa sadarkaa olaanaan mul’atu hir’isuu fi tasgabbeessuuf tilmaama gatii sharafa alaa tasgabbaa’aa jiraachuu mirkaneessuuf jecha, tilmaamaa imaammata Baankii Biyyaalessaa yeroo ammaa %15 ta’ee akka turu,

Tilmaama dhalaa irratti sirna bulchiinsa imammata maallaqaa hundeeffametti ce’umsi taasifamu dhiyoo waan ta’eef, galma haala guddina liqii baankiitti fayyadamuu akka itti fufu, ta’us, galma guddina liqii bara baajataa kanaa %14 irraa gara %18’tti akka guddatu,

Yeroo ammaa tajaajilaa herrega olkaawwannaa guyyaa tokkoo Baankiin Biyyaalessaa baankotaaf kennu (Standing deposit facility), tajaajilaa liqii guyyaa tokkoo (standing lending facility) irratti tilmaamni dhalaa kaffalan bakka jirutti akka itti fufu, akkasumas, bankonni dirqama herregaa olkaawwannaa maallaqa eeggachiisaa Baankii Biyyalessaa kaawwatan bakka jirutti akka itti fufu murteessuu beeksiseera.

Murteen immammataa maallaqaa bu’uura gamaaggama Koreen imaamataa maallaqaan bu’aalee qaala’iinsaa gatii baatiiwwan itti aanaan mudataniin akka ta’u ibsameera.

Korichis walga’ii itti aanuu Bitootessa 16, 2017 akka gaggeessu murteesuu Baankiin Biyyaalessaa ibsa baaseen eereera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment