Finfinnee, Bitootessa 8, 2015(FBC)- Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa ibsa kenneera.
Ityoophiyaan riqicha gara boqonnaa olaanaatti ishee ceesisurratti kan argamtu ta’uu ibsichaan eerameera.
Tokko tokko riqichicharraa gara boodaatti ishee deebisuuf kan dhama’an ta’uu eeruun, warreen kaan ammoo riqichicha cabsuun qilee ishee buusuuf kan dhama’an ta’uu ibsameera.
Qabsaa’onni ijoolleeshee immoo riqichicharra baayyee osoo hin turiin gara fuuladuraatti akka tarkaanfattuuf ni dhama’u jechuun Badhaadhinni isa sadaffaa filateera jedha ibsi korichaa.
Riqichi hanga daandii darbee cimaa kan hin taane ta’uufi qilee sana ce’uun dirqama ta’uu ka’eera.
Yeroo dheeraaf riqichicharra turuun balaa qabaachuu kan ibse korichi ariitiin ce’uun barbaachisaa ta’uu kaaseera.
Yeroon ce’umsaa keessa jirrus kan nu hubachiisu kanuma jedheera korichi ibsasaan.
Kaayyoon yeroo ce’umsaa achuma turuu osoo hin taane gara Ityoophiyaa badhaateetti cehuu ta’uu eeruun, rakkooleen mudachaa jiranis rakkoolee yeroo ce’umsaa ta’uu ibsameera.
Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walgahii Bitootessa 7-8, 2015 gaggeesseen daandii Ityoophiyaan kaleessa irra dhufte, gara badhaadhinaatti cehuuf turtii riqicharra taasifte, wayita riqicharra turtetti rakkoolee ishee mudatan, humnoota riqichicharraa gara duubaatti ishee deebisuuf isheerratti qabsaa’an akkasumas riqichicha ceetee gara badhaadhinaatti akka hin ceeneef gufuuwwan ishee mudatan gadi fageenyaan qorachuu eerameera.
Rakkooleen yeroo ammaa biyyattii mudachaa jiran wantoota shanirraa kan maddan ta’uu korichi amanuu ibseera. Rakkoolee kanneen furuufis tooftaalee qabsoo barbaachisaa ta’an adda baasuu eereera.
Ityoophiyaanonni hundi rakkoolee kanneen injifachuuf cinaasaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.
Rakkoon jalqabaa rakkoo seenaan dhaalchise ta’uu kaasuun, Ityoophiyaan seenaa boonsaafi carraalee seenaa keessatti gonfatan qabaachuufi seenaalee kanneeniin kan boonuufi badhaadhina Ityoophiyaafi akka qabeenyaatti kan itti fayyadamu ta’uu ibseera.
Faallaa kanaa rakkooleen seenaa keessatti hin hiikamiiniifi irratti waliif hin galamiin jiraachuu eerameera. Rakkooleen kunneen uummata addunyaarratti biyya mataasaanii hundeeffatan kan mudatan ta’uu korichi ibseera.
Rakkooleen kunneen sababoota walqoqqooddiifi atakaaroo ta’uu akka hin qabne ibsuun, carraawwaniifi rakkoolee kanneeniif beekamtii barbaachisaa kennuun akkasumas carraawwan itti fayyadamuun warren idea ammoo dhabamsiisuuf cimanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu eerameera.
Kanaaf ammoo adeemsi ammayyaa’aaniifi tasgabbii qabu furmaata ta’uu seenaan addunyaa kan mul’isu akka ta’e kaafameera.
Idaawwan darban karaa ammayyaa’aafi tasgabbii qabuun mariifi marabbaan, dhiifamaafi araaraan biyyoonni furuuf yaalan gara waliigalteefi gara tokkummaatti dhufuu danda’uu ibsameera.
Nuunis kan barbaachisu kanuma jedha ibsi korichaa.
Mariin biyyaalessaa eegalame akka milkaa’uuf hundi gahee isaa ba’achuu akka qabu ibsameera.
Miseensonni paartichaa, deeggartoonniifi uummanni hundi humnoota idaawwan seenaa kaleessaa akka meeshaa walitti bu’iinsaatti fayyadamuu barbaadan irratti qabsaa’uun marii biyyaalessaa gaheesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeesseera.
Rakkoon lammataa bilisummaa hogganuu dadhabuu ta’uu kaaseera. Bilisummaan tola kan hin argamne, bilisummaaf wareegamni kan barbaachisu ta’uu, bilisummaan jiraachuuf itti gaafatamummaa baachuun kan barbaachisu ta’uu eerameera.
Qabsoo hadhaawaa uummanni gaggeesseen mirdoota argate keessaa tokko bilisummaa ta’uu ibsuun, bilisummaa naannoo isaa bulchuu, gurmaa’uu, yaada isaa ibsachuu, mootummaa mormuu, miidiyaa hundeessuufi itti fayyadamuu, amtaa isaa gidduseentummaa mootummaa malee gaggeeffachuu warren jedhan gonfachuu eerameera.
Itti gaafatamummaan aadaafi seeraa bilisummaa itti gaafatamummaan akka itti fayyadamnuuf nu gargaara ken jedhu ibsichi, bilisummaan itti gaafatamummaa hin qabne cunqursaafi seer-maleessumaa kan uumu ta’uu ibsameera.
Rakkoon bilisummaa hogganuu dhabuu bulchitoota naannawaa, miidiyaalee, dhaabbilee amantaa, paartilee siyaasaafi aktiivistoota bira jiru dafee sirrachuu akka qabu korichi gamaaggamuu ibsameera.
Bilisummaan itti gaafatamummaa waliin madaala isaa eegee aka adeemuuf dhaabbi;leen mootummaa, paartileen siyaasaa, miidiyaaleen, dhaabbileen haqaa, dhabbileen amantaa, hayyoonniifi jaarsoliin biyyaa gaheesaanii akka ba’atan korichi waamicha dhiyeesseera.
Rakkoo sadaffaan haalota tokkummaa sabdaneessaa qoran dhufaa jiraachuu kan ibse korichi, Ityoophiyaa ammaa keessatti eenyuyyuu eenyuun gadis ta’ee ol ta’ee jiraachuu kan hin dandeenye ta’uu eereera.
Tokko tokko malee jiraachuu akka hin dandeenye kaasuun, walqooduun, walitti bu’iinsaafi jibbiinsaan guddinniifi badhaadhinni kan hin galmoofne ta’uu ibsameera. Nageenyis kan hin mirkanoofne ta’uu ibsameera.
Hoggantoonni mootummaafi paartii sadarkaan jiran gochootaafi haasaawwan tokkummaa sabdaneessummaa uummataa miidhan, jibbiinsaafi walitti bu’iinsa hammeessan irraa of qusachuu akka qaban yaadachiiseera.
Hoggantoonni kunneen rakkooleen mariin akka furaman taasisuu akka qabanis ibsameera.
Abbootiin amantaa, miidiyaaleen, aktiivistoonniifi hayyoonni gochaaleefi haasaawwan madaa kaleessaa kakaasan, jibbiinsaafi walshakkii babal’isan, nageenya biyyaafi uummataa balaarra buusan irraa akka of eegan korichi waamicha dhiyeesseera.
Rakkoo afuraffaan qaala’iinsa jireenyaa ta’uu ibsuun, rakkoolee idil addunyaafi biyya keessaa mudatan irraa kan ka’e miidhaan diinagdee gooroorra gahe qaala’iinsa jireenyaa dabalaa akka dhufu taasisuu korichi gamaaggamuu ibsameera.
Qaala’iinsa jireenyaa waliin walqabatee hangi hojii dhabdootaa dabaluu ibsuun, rakkicha waaraafi yeroon furuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamaa jiraachuu ibsameera.
Oomisha haala gahaa ta’een oomishuufi gara gabaatti dhiyeessuuf rakkooleehoggansaafi hojiimaataa mudatan furamuu akka qaban ibsameera.
Hojiimaata invastimantii, daldalaafi carraa hojii uumuu saffisiisan diriirsuubn barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Qormaanni shanaffaan hanna ta’uu kan ibsi korichi, hattoonni mootummaa, abbootii qabeenyaa, naannawaa sabaafi miidiyaalee keessa jiran kaayyoo tokkoof afur ta’anii hojjechaafi biyya balleessaa jiraachuu ibsameera.
Duula mootummaan hatoota kanneen balleessuuf eegale cimsee kan itti fufu ta’uu eerameera.
Kanaaf ammoo hoggantoonni paartichaa, miseensonniifi deeggartoonni gochicharraa harka saanii qulqulluu taasisuun qabsicha akka hogganan korichi waamicha dhiyeesseera.
Uummannis duulli hattootarratti eegalame kun galma akka gahuuf odeeffannoo kennuun gaheesaa akka ba’atu korichi waamicha dhiyeesseera.