Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa dhimmoota waqtaawaarratti mari’achuun kallattii kaa’e

Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen Birmadummaa biyyaa dandamachiisuu fi Diimookiraasii babal’isuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuun kallattii kaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraahin ibsaniiru.

Korichi haala waqtaawaa kan gamaaggame yoo ta’u, birmadummaa biyyaa baraaruuf duula tokkummaa sabdaneessaa gaggeeffameen bu’uu argame dinqisiifateera.

Duulichi bu’aa olaanaa akka galmeessu hirmaannaa Qaamoleen nageenyaa waloon, ummaanni, lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan taasiisan galateeffateera.

Obbo Adam Faraahiin iddoolee gareen shororkeessaa ABUT weeraree ture hojiin deebisanii ijaaruu haala gariin gaggeeffamaa jiraachuu gamaaggama taasiifamuun hubatamuu ibsaniiru.

Kutaalee hawaasaa kanneen hojii deebisanii ijaaruu fi gurmeessuu hojjetamaa jiruuf tumsi ummataa cimee akka itti fufu korichi waamicha dhiyeesseera.

Hoggantoonnii fi miseensonni paartii Badhaadhinaa hojii kutaalee hawaasaa sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi gurmeessuu hojjetamaa jiru waan danda’an hundaan akka tumsan kallattiin kaa’aamuu eeraniiru.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa adeemsa ce’umsa siyaasaa biyyattiitti eegalame haala cimsuun danda’amurrattis mari’achuu ibsameera.

Korichi Ityoophiyaatti mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise barbaachisaa ta’uu kan amanu ta’uu obbo Adam Faraahin ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa yaadame akka milkaa’uu dhaabbata walabaa ga’umsa qabuun hogganamuu akka qabus korichi itti amanuu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa hunda hammate kun akka milkaa’uu Paartiin Badhaadhinaa itti gaafatamummaa irraa eegamu kan ba’u ta’uu Koreen Hojii Raawwachiiftuu kun mirkaneessuu himaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment