Koreen hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa dhimmoota adda addaarratti mari’achuun kallattii kaa’e

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Koreen hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun kallattii kaa’eera.

Korichi karoora raawwii bara 2015, haala waqtaawaa biyyaalessaa fi kallattiiwwan bara 2016 irratti mari’achuu Dursaa Itti Aanaa Pireezidaantii fi Itti Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsaniiru.

Dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaarirratti mari’achuu dubbataniiru.

Paartichi waayita filannoo dhimmoota ummataaf waadaa galee fi raawwii kallattii hojii yaa’ii jalqabaa gaggeesseen kaa’ame gamaaggamuun kallattii bara 2016 kaa’uu isaa ibsaniiru.

Tajaajiloota ummanni komii irratti kaasaa turerratti jijjiirama qabatamaa fiduuf kenniinsa tajaajila ammayyeessuu fi ijaarsa dhaabbattummaa cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu, hojmaata badaa fi hanna to’achuu fi ittisuuf hojii cimaan hojjettamuu akka qabu koreen hojii raawwachiiftuu kallattii kaa’uu Obbo Adam Faaraahiin ibsuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment