Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee isaa bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti har’a gaggeessuu eegaleera.
Walga’icharratti, korechi dhimmootaa biyyaalessaa, paartii fi naannawaarratti bal’inaan mari’achuun murtee akka dabarsu eegama.
Dabalataan, dhimmoota haala yeroo xiyyeeffannaa barbaadan irratti bal’inaan akka mari’atu ibsameera.
Badhaadhina Ityoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaan mirkaneessuuf dhimmoota dandeessisanirratti ni mari’atas jedhameera.
Walga’ichi guyyoottan itti aanaanis itti fufee akka gaggeeffamu ragaan paaricharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.