Koreen Giddugaleessaa Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa raawwii hojii baatii 6 gamaaggamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Koreen Giddugaleessaa Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhinaa raawwii hojii baatii 6 bara 2013 gamaaggamaa jira.
Garaagarummaa raawwii naannolee gidduu jiru dhiphisuuf hojiin muuxxannoo waljijjiiruu gaggeeffame bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu ibsameera.
Hudhaalee carraa hojii uumuun walqabatee jiru furuun dubartoonni qabatamaan fayydamoo akka ta’an taasiisuuf murannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.
Damee Siyaasaan hirmaannaan dubartootaa sadarkaa federaalaatti jiru jajjabeessaa ta’us, caasaa gadittis cimsuun barbaachisaa ta’uu ka’eera.
Walga’ichi hanga boruutti kan itti fufu yoo ta’uu mata duree ‘hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa Badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment