Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)- Koreen Giddu galeessa Liigii dubartootaa Paartii Badhaadhina Oromiyaa raawwii hojii ijaarsaa fi siyaasaa qorateera.
Liigichi raawwii hojii ijaarsaa fi siyaasaa hanga amma jiru qorachuun hanqinaa fi cimina jiru adda baasuun kallattii kaa’uusaa Dura Buutuu Liigiin Dubartootaa Paartii Badhaadhina Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan himaniiru.
Gamaaggama raawwii kanaan gahee dubartoonni gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan bahuu qaban akkasumas ijaarsa biyyaa keessatti dhimmoota gufuu ta’an irratti adda durummaan qabsaa’aa turuun hojii akka ciminaatti hojjetaman jedhameera.
Dubartoota adda duroota ta’an adda baasuun dubartootaa gara gaggeessummaatti fiduufi gahee isaanii hooggansa sadarkaan jiru keessatti akka bahatan hojiin hojjetames dhimmoota akka ciminaatti eeramaniidha jedhan aadde Sa’aadaan.
Filannoo Biyyaalessaa darberrattis dubartoonni gahee olaanaa bahuusaanii eerameera.
Rifoormii akka biyyaatti eegalame milkeessuu keessattis qoodi dubartootaa olaanaa ta’uutu eerame.
Gama biraatiin Aadaa walgargaarsaa ofiifi uummata keenya bira dhaabbachuu keessaatuu hawaasa sababa waraanaatiin qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniifi hawaasa keenya sababa hongeen midhamaniif deeggarsa laachuu dhimmoota akka ciminaatti ilaalamanidha.
Kennaa tajaajila lamummaa keessattis hojiiwwan gurguddaa hojjetaman fakkeenyummaa qabaachuusaa eerameera.
Ciminoota turan daraan cimsuun hanqinoota hojii keessatti uumaman immoo akka galteetti fudhachuun irratti walii galuun cinaatti kallattii konfireensii itti aanuu kaa’uun waltajjichi golabamuusaa Aadde Sa’aadaan himuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna