Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Koreen farra malaammaltummaa magaalaa Finfinnee shakkamtoota 200 to’annoo jala oolchuu Komishiniin Naamuusaafi Farra Malaanmaltummaa magaalichaa beeksise.
Korichi sochiisaa hanga yoonaatiin galmeewwan qorannoofi himannaa 90 ol qindeessuus ibsameera.
Komishinarri Komishinii Naamuusaafi Farra Malaammaltummaa magaalichaa Jamaal Raddiin, dameelee malaammaltummaaf saaxilamoo ta’an irratti xiyyeeffatameee hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.
Dameelee saaxilamummaan malaamaltummaa itti bal’atu kanneen akka lafaa, konitiraakshinii, sirna bittaa, taaksii, fayyaafi barnootaarratti hojiimaanni itti gaafatamummaa mirkaneessuufi saaxilamummaa hir’su qophaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Kana malees koree xiqqaan eeruu fudhatu, raga walitti qabu, qorannoofi qo’annoo gaggeessu hundaa’uufi hojii adda baasuu hojjechuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Eeruuwwan sadarkaa garaagaraan dhiyaatan irratti qorannoo taasisuun namoota dhuunfaa malaanmaltummaan shakkaman 200 to’annaa jala oolchuun dhimmi isaanii ilaalamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis galmeewwan qorannoo yakkaafi himannaa malaammaltummaa 90 ol qindaa’uu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.