Koreen dhiyeessituu koomiishinaroota kaadhimamoo Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa hojii eegale

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Koreen dhiyeessituu koomiishinaroota kaadhimamoo Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa hojii eegale.

Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo Koree dhiyeessituu koomiishinaroota kaadhimamoo Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa waliin marii guyyaa jalqabaa gaggeessaniin korichi hojii isaa eegaluu ibsaniiru.

Ijaarsaa fi qajeelfama komishinichaa fooyyessuuf marii itti aanu ni taasisa jedhameera.

Marii gaggeessen karooraa fi qajeelfamoota madaalii irratti galtee dabaluun Sadaasa 9, 2013 dhiyeessuun ragga’uu akka qabu Af-yaa’ichi murtoo dabarsaniiru.

Waajjiirri mana marichaa fi Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa hojii waliin hojjetan itti fufiinsa akka qabaatuuf, fuula duratti waajira mana marichaa keessaa erga hundaa’ee booddee waajjira Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ogeessi tokko ramadamuun hojii akka eegaluuf waliigalteera ga’ameera.

Gabaasa Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhaqsaa dhiyeessan ka’umsa godhachuun madaaliwwanii fi qajeelfamoota irratti fooyya’insi taasifamuu akka qabu eerameera.

Preezdaantin Mana Murtii waliigalaa Federaalaa Ma’aazaa Ashannaafii gama isaniin namoonni kadhimummaaf dhiyaatan qophii barnootaan ga’aa kan ta’anii fi heera mootummaaf kan bitaman ta’uu akka qaban fooyya’insicha keessatti haammatamuu akka qabu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment