Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii walakkaa waggaa manneen hojii sagalii (9) gamaaggamee jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC ) – Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii walakkaa waggaa manneen hojii sagalii (9) gamaaggamee jira.
Korichi, raawwii hojii Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa, Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa, Ejensii Misooma Qabeenya Beeyladaa Oromiyaa, Ejensii Misooma Gabaa, Komiishinii Qindeessa Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa, Komiishinii Hooggansa Sodaa Balaa, Abbaa Taayitaa To’annoo Galteewwan Qonnaafi Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa qorachuun duubdeebii kennee jira.
Gamaaggama taasifameen, qonna ammayyeessuun walqabatee hojiiwwan makaanayizeeshinii qonnaaf dhiyeessiiwwan adda addaa irratti jalqabbiin jiru, keessattuu, inisheetiivota qonnaa 12 ta’an adda baasuun irratti hojjetamaa jiraachu ibsameera.
Misooma jallisii qamadii, ashaaraa magariisaa, hojiin misooma sululaa eegumsa biyyoofi bishaanii fi omishaalee alergee kan akka buna diimaa, janfalaafi buna miiccamaa irratti hojiin hojjetamaa jiruufi gama eegumsa naannootiin hordoffiifi to’annoon warshaalee irratti taasifamaa jiruufi tarkaanfiin fudhatame akka ciminaatti kanneen ilaalaman keessaa ijoodha.
Gama biraan, kenniinsa tajaajila eksteenshinii qonnaatiin walqabatee ammallee hanqinni kan jiru ta’uu, dhiyeessii calla guddistuun walqabatee, weerara hawwaannisaa ittisuuf hojiin hojjetameera.
Haata’uuti, humna gahaa qopheessuun dursanii ittisuu irratti, walitti hidhamiinsa gabaa jimaa fi beelladaa irratti qonnaan bulaan ammallee fayyadamaa ta’uu dhabuun, ijaarsi giddugala gabaa jimaa Baddeessaafi Awwadaay harkifachuun, qabeenya umamaa naannoon keenya qabu karaa tarsiimaa’aa ta’een hawaasni kunuunsuun akka itti fayyadamu taasisuu irratti, faalama magaalotaan walqabatee xuraawaa warshaalee keessaa bahu maqsuuf qaama dhimmi ilaaluu waliin qindoominaan hojjechuu dhabuun akka hanqinaatti koree kanaan ilaalameera.
Walumaa galatti, korichi raawwii hojii walakkaa waggaa manneen hojii dhimmi ilaaluu waliin qorate keessatti ciminaaleefi hanqinaalee raawwii karooraa keessatti mul’atan adda baasuun kan akeeke yommuu ta’u, hanqinaaleen mul’atan hojii kurmaana 3ffaa keessatti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban kallattii kaa’ee jira.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment