Koreen dhaabbii dhimmaa misooma baadiiyaa Caffee Oromiyaa aanaa Kofaleetii hojii misooma baadiyyaa fi proojaaktii daawwate

Finfinnee, Muddee 24, 2014 (FBC) – Koreen dhaabbii dhimmaa misooma baadiiyaa Caffee Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetti hojii misooma baadiyyaa fi proojaaktii daawwateera.

Kanaanis Proojaaktiin bishaan dhugaatii  ganda Waamanyaa Abboosaatti bara 2005 eegalamee ture osoo tajaajila hin kennin addaa cituun jiraattota rakkoof saaxileera.

Proojektiin kuni jalqabumarraa rakkoo ogummaa qabaachuu bulchaan aanichaa obbo Ramaatoo Baancaa himaniruu.

Ammatti hawaasni bishaan bool’aa fayyadamaa jiraachuufi rakkoo kana furuufis bulchiinsi aanichaa tattaaffirra jiraachuus dubbatan.

Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa Misooma Baadiyyaa kuni oomisha qamadii  jallisii boonee daawwateera.

Aanichatti bara kana jallisii booneen qamadii lafa heektaara 600 irratti oomishuuf hojjatamaa jiraachuu eerameera.

Hanga ammaattis gandoota 6 keessaattii lafaa heektaarri 540 sanyiin faca’ee biqile qonnaan bultoonni kunuunsaa jiraachuu himanirui.

Qonnaan bultoonni FBC’f yaada kennan jallisii hojjachuu isaaniin waggatti marsaa 3 callaa argachuutti jiru.

Ta’u jallisii mul’atu caalaatti hojjachuuf hanqina paambii bishaanii akka qabani kan dubbatan.

Koreen dhaabbii kun marii jiraattota waliin mari’atee gaaffii bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii baadiyyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu akka qabu bareera.

Kana malee tajaajila hawaasummaan rakkoo Ambuulaansii, dhiyeessii qorichaa namaaf ta’uu akka qaban jiraattonni kan himan.

Koreen dhaabbii dhimmaa misooma baadiyyaa Caffee Oromiyaa komiin haawaasni dubbatu dhugaa ta’uu hubatamee furmaata isaa hojjatuu akka barbaachisu akeekera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaaseera

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment