Koreen Dhaabbii Dhimma Qabeenya Uumaama Paarkii Biyyooleessa Hara Abijaataa, Shaallaa fi Daawoo Kunuunsa Siinqallee daawwatan

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Koreen Dhaabbii Dhimma Qabeenya Uumaama Paarkii Biyyooleessa Hara Abijaataa, Shaallaa fi Daawoo Kunuunsa Siinqallee daawwatan.
Koreen kun Godina Arsii lixaati argamuun daawwannaa taasiseen Paarkii Biyyoolessa Haroo Abijaata Shaallaatti, Hojiin egumsa biyyoo fi bishaanii, biqiltuu dhaabuu, carraa hojii uumuu, walda ikooturizimiif jalbaa fi loojii ijaaruun hojii gaarii ta’uun ibsameera.
Akka Wajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaa beeksiseetti, Haroon abijataan baduuf dhiyaatee ture akka waggaa 10 dura turetti deebi’ee guutuun hojii boonsaa ta’uunis hubatameera.
Hawaasni ammas daangaa paarkiiwwanii jiraachuun rakkoo ta’uu isaatiin fooyya’uu akka qabu,buu’uuralee misoomaa iddoowwan hawwata turiizimii kanaa hojjachuu fi naannoo kana iddoo hawwata turiizimii filatamaa taasisuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu akka ta’e himamee jira.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment