Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa sektaroota sadii gamaaggame

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii walakkaa waggaa bara 2012 sektaroota sadii gamaaggameera.

 

Koreen kun, raawwii hojii walakkaa waggaa Biiroo Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa, Abbaa Taayitaa Saayinsii, Teeknoloojiifi Qunnamtii Odeeffannoofi Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa qoratee jira.

 

Gammaaggama taasifameen, kenniinsa murteefi hojiirra oolmaa seerotaa fooyyessuufi murtiin yeroosaa eeggatee kennamuun, maanuwaaliifi sanadoota adda addaa sirna hordoffiifi amalaa gaarii paablik sarvaantii, istaandaardii kenniinsa tajaajilaafi kkf qopheessuun leenjii kennuun, sirna inspeekshinii cimsuuf warshaalee oomisha nyaataafi balaqqee dhaabbilee gara garaa sakatta’uun duubdeebii manneen hojiifi dhaabbilee adda addaatiif kennuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf lakkoofsa kaarikulamii barnoota haaraa qopheessuuf karoorri qabameefi jalqabbiin jiru gaarii ta’uufi hirmaannaan barnootaa dabalaa deemuusaa akka ciminaatti koreen kun gamaaggamee jira.

 

Kana malees, jijjiirama jalqabame sadarkaa olaanaatti ceessisuuf Paabilik Sarvaantii ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa’u uumuufi ilaalcha misoomawaa qabateen bakka buusuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, gurmaa’iinsa caasaa hojii haaraa seeraan hojiitti hiikuun komiiwwan gama kanaan ka’aniif deebii hatattamaa kennuu, Saayinsii, Teknoloojiii, Qunnamntiifi Odeeffannoo babal’isuufi cimsuu, qulqullina barnootaa cimsuufi babal’inni damee barnootaa akka dabalu taasisuun dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo irratti hojjetamuu qaban ta’uu Dura Taa’aan Korichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsan.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment