Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii waggaa manneen hojii shanii gamaaggameera.
Koreen kun, raawwii hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii, Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee, Koomishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee, Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa qorateera.
Raawwii hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa kan qorate Koreen kun, raawwii galii idilee %111.40fi galiin mana qopheessaa %90.74 ol ta’uun, taaksii al-kallattii dabaluuf tattaaffii taasiifameen %34.96 irra kan gahe yommuu ta’u, galiin waliinii mootummaa Fedeeralaa irraa argamu fooyya’iinsa kan qabuufi dabalaa kan jiru ta’uu gamaaggamuun cimina jedhe.
Garaagarummaa raawwii karoora galii idileefi mana qopheessaa dhiphisuun, kuufama galii idaa taaksii idileefi kuufama idaa galii mana qopheessaa sadarkaan jiran adda baasuufi sassaabuun, raawwiin karoora murtii Odiitii duraafi Oditii investigeeshinii harcaatii qabaachuu xiinxaluun hanqina jedheera.
Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee Oromiyaan walqabatee, caasaalee biirichaa sadarkaan jiran gahoomsuuf hojiin hojjetame, deeggarsa baasii maallaqa Fedeeraala irraa argamuu qaban hordofuun yeroon fayyadamuu, itti fayyadama baajata marmaartuu fi kaapitaalaa bara baajataa 2013 kan baroota darbaniin walbira qabuun fooyya’iinsa qabaachuun eerameera.
Gama biraan, akkaataa karoorfameen uwwisa odiitii naannichaa dabaluu, hojii irra oolmaa yaada odiitii hordofuu, argannnoo odiitii jiru irratti tarkaanfii fudhachuu irratti haanqinni jiraachuu, herregni walitti qabamaafi kaffalama manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessaayyuu herreega sassaabamaa gadi buusuu gadi aanaa ta’uufi seerotaafi hojimaata bulchiinsa faayinaansiifi qabeenya naannichaa jiran gahumsaan hojiirra oolchuu irratti hanqinni jiraachuu korichi gamaaggameera.
Manneen hojii hafanis bifa walfakkaatuun qorachuun ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun, dhimmoota xiyyeeffannoofi kallattii fuula duraa barbaadaniif mala furmaataa kaa’uu dura taa’aan Korichaa obbo Yilmaa Wayyeessaa ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.