Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa hojiiwwan misoomaa fi proojektoota Aanaa Barrakii fi Aqaaqii hojjetamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godina Adda Oromiyaa Naawwanaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa fi proojektoota Aanaa Barrakii fi Aqaaqii hojjetamaa jiraniiru.

Koreen Dhaabbii Dhimma baajetaa fi horataalee mootummaa raawwii hojiwwan misoomaa fi  proojektiiwwaan proojektii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaan hojjetamaan Aanaa Barrakii fi Aqaaqiitti hojjetaman daawwataniiru.

Walitti qabduun koree Dhaabbii dhimma baajetaa fi to’annoo horataalee mootummaa Aadde  Mastawit Fayisaa,  gama isaaniitiin hojiin proojektoota Aanaa Barraakii fi Aanaa Aqaaqitti baajetaa mootummaa fi hirmaannaa Proojektii  Qindaa’aa  Gumaata Caffee Tumaan  Proojektootni  hojjetaman yeroo gabaabaa keessatti xumuramuuf hojjetamaa jiran hojii fakkeenyummaa qabaan ta’uu dubbatu.

Proojektoonni hojjetaman kunneenis baajeta mootummaan qofa osoo hin taanee hirmaannaa ummataan PQGCT godinichaatti hundeessuun hojiin fayyadamummaa ummataaf hojjetamaa jiru Godinaleen biroonis muuxannoo kana fudhachuu akka qabanii fi hawaasni keenyaas proojektoota kanarraa sirnaan fayyadamuu akka qabuu fi kununfachuu akka qabaniis dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Obbo Girmaa Haayiluu, gama isaaniitiin diinoota keenyaa alaa fi keessaa qolachaa gama tokkoon misoomaa keenya itti fufsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Akka godinichaattis bara kana proojektoonni buleeyyii fi haaraa walumaagalatti 141 ta’an baajetaa mootummaa Birrii miliyoona kuma dhibba 8 ol hojjetamaa akka jiran dubbatu.
Bara kanas PQGCT akka godinichaatti manneen barnootaa moodela ,Bu’uura Boruu, Bultii Addaa dabalatee piroojektoota 13 qarshii miliyoonaa dhibba 3 miiliyooba 16 oliin hojjetamaa akka jiraniifi baay’een isaanii ji’a sadii keessatti xumuramaa akka jiran dubbatu.

Piroojektootni hafaniis ariitii fi qulqullinaan akka xumuramaniif hojjetamaa akka jirus himuu ragaan kominikeeshinii godinichaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment