Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti miseensonni Koree Dhaabbii Dhimmoota Eegumsa Naannoo, Horsiise Bulaa fi Qonnaa rifoormii alaa fi keessaa Ministeerri Qonnaa hojjechaa jiru daawwateera.
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen, oomisha teeknooloojiin deeggarame oomishuu, oomishaa fi oomishtummaa beelledootaa fi misooma qabeenya uumaamaa guddisuun diinagdee qonnaa gara diinagdee indaastiriitti ceesisuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbaticha ammayyeessuuf hojmaanni sirna odeeffannoo federaalaa hanga gandaatti diriirsuun danda’amuun akka ciminaatti ka’eera.
Sirna ragaa Ministeerichaa ammayyeessuuf taabileetoota kuma 35 irratti sooftiweerii fe’uun afaanota gara garaan akka hojjetamu taasifamuun ibsameera.
Dhaabbatichi hawaasa naannoof mana kitaabaa fi tajaajila bishaanii laachuuf hojiiwwan eegalaman jiraachuu fi tajaajilichi cimee itti fufuu akka qabu korichi ibsii isaa ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.